Wednesday, November 19, 2014

Gaafa: 27-06-2014

Date:

ADDA BILISUMMAA OROMOO

OROMO LIBERATION FRONT

Labsa Tokkoomuu ABO


Addii Bilisumma Oromoo, Oromiyaa sirna Kolonummaa Itophiyaa jalaa bilisoomsuu fi walabummaa

gonfachiisuu akeeka godatee kan ka'e ta'uu hubachuudhaan,

Akeeka kana bakkaan gahuufis wareegamni ulfaataan, qabsaawotaa fi uummata bal'aa Oromoon baafamu fi

baafamaa jiraachuu qalbifatuun,

Waggota kurnaan dabraniif gargar baanee gurmuun qabsichaa hubamuun diinaaf aanjaa uumuun ifatti waan

mul'ateef,

Rakkoo adda bahuu keenyaaf sababaa tahe human sadaffaan maleetti mariin furachuun gurmuu qabsoo

bilisummaa Oromoo cimsuun dhimma belbeltuu yeroo tahuu amanuu fi hawwii qabsawotaa fi umatni bal'aan

keenya tokkummaa ABOf qaban herega keessa seensisuun,

Dhaabotni ABO SHG-ABO fi QC-ABO jedhamuun beekamaa turre gargarummaa nu gidduu jiru furannee,

dhaabicha deebisnee tokkoomsuu keenya ummata Oromoo, deggertoota fi firoottan Qabsoo Oromoo hunda

oggaa beeksisnu gammachuu guddaani.

Waliigalteen kun, yeroo mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo hundee jireenya isaa irraa buqqisaa

jirutti tahuun isaa rakkoo fi gidiraa ummata Oromoo irra gahaa jiru kana qolachuuf, daddaffiin irree qabsoo

jabeeffachuu kan dandeessisuu fi qabsoo Oromoo fuula dura tarkaanfachisuu taha.

Mootummaan Wayyaanee yoomuu caalaa uummata Oromoo irratti yakka ajjeechaa jumulaa raawwachaa

akka jiru ifatti mul’ata. Akkasumas kannen mirga ummata isaaniif karaa nagaa falman irratti ajjeechaa fi

miidhaa gara jabina irraan gahaa jira. ABOn maatii fi firoottan kanneen mirga ummata isaaniif falmuu irratti

wareegamanii fi miidhaan irra gahe hundaaf jajjabina hawwa.

Miidhaan mootummaa Wayyaanee itti hadhaawwuu irraa qabsaawotnii fi ummanni Oromoo biyya keessa jiru

fincilee harka qullaa qawwee fi taankii dura dhaabbachaa jira. Ummatni Oromoo hawwiin isaa kan guutu

kennaan osoo hin taane qabsoon tahuu caalaatti hubatee midhaa diinni irraan gahuun osoo boodatti hin

deebinee qabsoo itti jiru akka jabinaan itti fufu ABOn yaadachiisaa, gama isaatiin humna guutuun haala kana

jijiiruuf kan hojjatuu tahuu hubachiisa.

Gama kaaniin , hawaasni Oromoo biyya alaa jiru guutummaatti hiriira bahuun sagalee isaa ol-fuudhee rakkoo

saba isaa dhageesisaa jira. Kana malees, Sab-qunnamtiileen Oromoo biyyoota alaa jiranillee rakkoo

uummata isaanii dhageessisuun qooda isaanii bahaa jiran. Tarkaanfii jajjabeessaa hawaasni Oromoo biyya

alaa fudhataa jiru kun hanga qabsoon ummata Oromoo bakka gahutti akka itti fufu ABO hiree kanaan

yaadachiisa.

Saadarkaa Qabsoon ummata Oromoo amma irra jiru yoomuu caalaa qindoomina gaafata. Gaaffii yeroo

qabsoon bilisummaa gaafatu kana irratti hundaa’ee ABOn tokkoome kun shaffisaan toftaa yeroon gaafatu

raggaafatee qabsoo finiinsuu irratti kan bobbahu tahuu mirkaneessa.

رقم تاريخ
Lakk.: 001/stm-gs-abo/2014

No.:

جبهۃ تحرير اورومو


Email: abo.abo976@gmail.com, www.oromoliberationfront.org



Kaayyoon ABO uummata Oromoo biratti haalaan fudhatamaa tahuun hubatamaa dha. Haallan

danqaa fi afanfajjii yeroo dabran uumaman irra aanamee fedhii fi hawwii uummata keenyaa

bikkaan gahuuf tokkummaan murannoon hojjechuuf qophii tahuu ABO irra deebinee mirkaneessa.

Kanaafis deggertootni, firoottan qabsoo Oromoo fi ummatni keenya tarkaanfii mooraa QBO

jabeessu kana tumsuu fi deggeruu dhaan akka simatan ABOn waamicha isaa dabarsa.

Qabsaawonni Oromoo maqaa jaarmiyaa adda addaan sosso’an, kanneen bilisummaa Oromoo fi

walabummaa Oromiyaatti amanan hundi, fakkeenya ijaaraa gurmuu qabsaawotaa cimsu kana

fudhatuun tokkummaa gara bilisummaatti geessu kana keessatti akka hirmaatan waamicha gochaa

ABOn gama isaatiin mooraa qabsoo bilisummaa gabbisuuf tokkoomina jaarmayoota Oromoo irratti

hojjatuu fi kan irratti hojjachaa jiruus bakkaan gahuuf murteeffatuu hubachiisa.

ABOn hariiroon ummata Oromoo fi olloota Oromoo gidduu ollummaa gaarii irratti kan hundaa’e

akka tahuuf hojjataa ture. Har’as taanaan hariiroo Olllummaa kana cimsuuf hojjata. Addatti

ummatootni cunqurfamoo Impaayra Itophiyaa keessatti hacuucamaa jirtan olola diinaa fi farreeniin

osoo hin sobamiin ABO waliin wal tumsuun sirna cunqursaa Wayyaanee of irraa buusuuf akka

qabsooftan waamicha isaa dabarsa.

Qabsoo ummatni Oromoo geggeessaa jiru qabsoo haqaa seera addunyaan deggeramu dha. Haa tahu,

malee mootummootni aangawoo fi kanneen biroo illee haqa kana hubachuu lagatuun mootummaa

abbaa irree fi kan mirga dhala namaa ifatti cabsaa jiruuf tumsa dinagdee, siyaasaa fi diplomasii

kennuufiin bittaa isaa ummatoota cunqurfamoo irratti jabeessaa jiran. Waan taheef, ABOn

mootummootni sirna abbaa irree kana deggeruu irraa of qusachuudhaan qabsoo haqaa ummata

Oromoo akka deggeran gaafata.

Injifatnoon Ummata Oromoof!

GS - ABO

Waxabajjii 28, 2014



No comments:

Post a Comment