Gaafa: 07-04-2014
Date:
ADDA BILISUMMAA OROMOO
OROMO LIBERATION FRONT
Baqataa Seerawaa Miidhuun Tarkaanfii Namoomaan Alaa fi Seera Addunyaa jiru Dhiitu dha.
Haala Baqattoota Oromoo Biyya Keeniyaa Laalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo
Lammiileen biyyoota gara garaa sababoota adda addaan biyya isaanii keessa jiraachuu dadhabu irra abdii
of jireessuun biyyoota ollaatti baqatan. Sababni ittiin baqatan gariin kan yeroo gabaabaa keessatti
furmaata argatu tahuu danda’a. Rakkinni yeroo gabaabaa keessatti hin furamne yeroo dheeraa fi
jijjiirama hundee barbaadus jira. Sababa umamaan rakkooleen dhalatan kan akka hongee, lolaa, kirkira
lafaa fi kkf akkasumas, rakkoolee namootni dhalchan kan akka lola biyya keessaa, rakkina dinagdee fi
rakkoon siyaasaa sababoota madda baqatummaa ti. Sababoota lammii biyya tokkoo biyya ollaatti
baqachiisan keessaa garii wayta furamanitti kanneen qe’ee fi biyya isaanii irraa buqqa’an jireenya
isaaniitti deebi’uu irraa rakkoon hin qaban. Kan biyyatti deebi’uu hin dandeenye kanneen mootummaa fi
sirna jiru waliin wal dhabbii qabani dha. Ilmaan Oromoo baqa kana biyyii weeraraan qababuun booda
Jaarraa tokkoon dura lubbuu baafatuu fi kabajaa namooma isaanii tikfatuuf jalqaban,
Yeoo ammaa kana biyyootni Gaanfi Afriikaa baqataa hedduu keessummeessaa jiran. Baqattoota
biyyoota hedduu biyyoota Gaanfa Afriikaa gara garaa-tti baqatuudhaan baqattummaan jiraataa jiran
keessaa tokko lammii Oromoo ti. Oromoo biyya isaa jiituu fi badhaatuu hojjatee keessa jiraachuu
danda’u irraa kan isa baqachiisaa turee fi jiru rakkinni uumaa isa mudate jiraatee ykn jireenya isaa
wayyeeffatuuf biyya isa irra kan biraa caalsifatee miti.
Baqataan Oromoo hedduun dirqamuu fi lubbuu isaaf sodaatuu irraa jireenya baqatummaa kan eegale
gabrummaa jalatti kufuu irraa eegalee ti jechuun ni danda’ama. Akka kanaan baroota dheeraan durattii
eegalee biyyoota ollaa isaatti argaman hunda keessa baqattummaan jiraatee lubbuu isaa dandamachiisuu
danda’eera. Kanneen yeroo dheeraaf Oromoo akka baqataatti fudhatuun keessummeessaniif ABOn
galata galchaaf.
Haa tahu malee waggoota digdamaa as haallan mul’atan kan duraan ture irra adda tahaa jiran. Keessattuu
biyyootni ollaa sababa adda addaan mootummaa Wayyaaneetti michoomanii fi mararfatan baqataa
baqattummaan isaa qaama seerawaan mirkaneeffamee jiru irratti deddeebi’anii miidhaa adda addaa
irraan gahuu baay’inaan mul’ata. Tarkaanfii seera addunyaa cabsu kana baqattoota irratti kan raawwataa
jiru qaama tikaa fi waraanaa mootummootaa tahuun ammo baqattoota kan yaaddessuu fi dhiphisu akka
tahe hin gaafachiisu. Dalagaan seeraan alaa baqattoota irratti raawwatamaa tures irra deddeebi’ee kan
ibsamaa fi jarmayaalee mirga namaaf falamaniin kan saaxilamaa ture tahuun hin dagatamu.
Keenyaan biyyoota gaanfa Afriikaa baqattootni kuma dhibboota baay’een lakkaa’aman keessa jiraatani
dha. Lakkoobsi baqataa Oromoo Jaarmayaa dhimma baqataa Mootummoota Gamtoomaniin (UNHCR)
galmaa’ee kan seeraan jiraataa jiru lakkoobsaan guddaa akka tahetti beekama. Haa tahu malee yeroo gara
garaatti baqataa waliigalaa fi addatti Oromoo seeraan jiru, biyyatti deebi’uu kan hin dandeenye tahuun
isaa beekamu irratti roorrifamuun, mootummaa baqatee dhufetti ukkaamsuun kennuu, saamuu fi
miidhaan gara garaa deddeebi’amee haala sukanneessaa taheen irratti raawwatamaa jira. Haalli
gaddisiisaa kun dhaabbatuu irra itti fufee Ebla 5, 2014 humni waraanaa mootummaa Keenyaa manneen
تاريخ Lakk.:03/stm-abo/ رقم 2014
No.:
جبهۃ تحرير اورومو
P.O. Box 6973 Asmara, Eritrea Tel 2911 153886, www.oromoliberationfront.org
baqataa Oromoo humnaan seenuudhaan qabeenya saamuu, baqataa reebuu, jumlaan hidhuu fi
balleessuudhaan miiddhaa irraan gahaa jira. UNHCR kan baqattootaaf gaafatama qabu kana
ittisuuf carraaqii mul’ataa godhu hin jiru.
ABOn gochaa waraanni mootummaa Keenyaa baqattoota sirnaa irratti garaa laafina tokko
malee fi deddeebi’ee raawwatu kana daddaffiin akka dhaabu, qabeenya saamame akka
deebisu, kanneen hidhaman akka hiikuu fi mootummaan Keenyaas rakkinoota baqataa
waliigalaa, addatti haala baqataa Oromoo hubatuun tikaa fi eegumsa barbaachisu akka kennuuf
gaafata. Jaarmayaan baqattootaa Mootummoota Gamtoomaniis miidhaa baqataa Oromoo irra
geessifamaa jiru beekee tinnisaa fi kooluu (protection) barbaachisu akka godhuuf yaadachiisaa
karaa itti rakkoon kun furamaata maayyii argatu irraatti akka faluuf ABOn yaadachiisa.
Injifananoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 7, 2014
No comments:
Post a Comment