Saturday, February 23, 2013
Guyyaan SBO Kabajame
(Oromiannews, 16 Waxabajjii 2013) Guyyaan SBO itti hundeeffame, waggaan 25ffaa, magaalaa Melbourne keessatti haala hoo’aadhaan kabajame; SBO jabeessuuf kan oolu gargaarsi maallaqaas walitti qabamee jira.uyyaa hundeeffama SBO kan wagga 25ffaa sababeeffachuun qophii qophaa’e irratti akka ibsametti Waxabajjii 15, bara 1988 kan jalqabe SBO waggoota 25n darbaniif qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti shoora guddaa gumaachaa jira.
Sirna baniinsaa akka aadaa Oromootti eebba maanguddootiin eegalame kana irratti miseesnsi Gumii Sabaa ABO fi gaafatamaan birkii beeksisii fi odeessii alaa Jaal Gaashuu Lammeessaa dubbii dhageessisan keessatti SBOn sagalee tokkicha yeroo dheeraaf dhiibaa fi ukkaamsaa garboonfataa saaxiluun akka ummati Oromoo bakkayyuutti mirga isaatiif falamatu taasisaa jiru ta’uu addeessan.
SBOn waggoota 25n darban keessatti sagalee ummata Oromoo ta’uun cinattis dhiibbaa mootummaa dargii fi wayyaanee dandamatee qabsoo bilisummaa keessatti sagalee gahee guddaa gumaachaa jiru ta’uu J/Gaashuun dabalanii ibsanii jiru.
Guyyaa kana sababbeeffachuun qophii Magaalaa Melbourne keessatti Sanbata kaleessaa qophaa’e irratti caalbaasii mallattoo fi asxaa SBO fi Alaabaa ABO qabu kan koreen ayyaanichaa dhiyeessitee fi gumaata godhame irraa galiin argamee SBO gargaaruuf akka oolu godhamee jira.
Subscribe to:
Post Comments (Atom)

No comments:
Post a Comment